No icon

Siinqeen Maali? - GADAA MAGAZINE

Siinqeen Institushinii  mirga dubartoota ittiin tiksuuf sirna Gadaa keessaatti hunda’eedha.

 Mallattoon Seerri Siinqee kun ittiin beekamuu immoo ulee qal’oo fi sorooroo muka harooressaa irraa tolchuun dubartiin heerumte qabattudha. 

Siinqeen mallattoo birmadummaa/uumamaan bilisa ta’uu/ ti.  Kanaaf  haati intala ishee yeroo heerumsiistu, siinqee kennitifii. Guyyaa kanarra kaatees haadha siinqee taati.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga ishees  tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhama.

Mallattoon kun wayyudha. Waan irra safeeffatantu jira.  Fakkeenyaaf  Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an.    
                                           
Dhiitta mirgaa dubartii irra gahuu hambisuuf ni tajaajila.  Keessaayyu gadi qabaa/dhaanicha abbaa warraa  dubartootarran gahuu yoo jiraatee irraa  baraaruuf ni gargaara. Sarbamni mirgaa dhiirootaan dubartii irra yoo gahee akka seera siinqeetti dubartoonnii  haadha siinqee ta’aan gurmuu uummataniin walii birmachuun akka  dhiira yaakka dadalagee kana seeratti dhiheessu.

•  Lola dhaabuu

Siinqeen Wayyuu  meeshaa araaraa ti. Akka seera siinqeetti lolii jabaan maatiifi maatii ykn , gosaafi gosa jiduutti gareen yoo umamee hadholiin siinqee siinqee isaanii qabatanii lolli akka dhaabbatu ni taasisu. Akka aadaa Oromootti  Waraana hamaa attamii illee yoo ta’e, seera kana bira hin darbu. Dubartiin siinqee qabattee jiduu gallaan ni dhaabata.

•  Raayyaa waraanaa eebbisuu 

Akka aadaa seeraa siinqeetti waraanni hin leellifamu. Ta’uus garuu birmadummaan biyyaa yeroo sarbamee fi diinni yoo waranaa uummata irratti labsee ,raayya waraanaa diinaa birmadummaa biyyaa eegsisuufi daangaa darbee lola biyya irratti labsee eebbisanii gara lolaatti ni babaasu.

• Waaqa araarfachuu

Siinqeen wayyuu araraati. Kan wal lolee qofa araarsuu osoo hin taanee  bara ongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaa biyyatti dhufee , walumaagalatti yeroo rakkoon jabaan dhalate, gurmuun bahanii haadholiin siinqee malkaa fi tulluutti bahaanii Waaqa kadhaatani  araaraa araraa gaafatu. 

  • Deeggarsa argachuu 

Sababa adda addaatiin, warri deege, akka hin beelofne, akka hin daarre, horiin jalaa dhumee, sanyii baafatu dhabee lafti bara akka hin baanes siinqeen fala qabdi. Warri rakkina akkanaa irra bu’e, haati warraa siinqee qabattee, warra dureessa ta’e dhaqxee, rakkina himannaan argatteet galti. Dubartiin siinqee qabatte, gargaarsa gaafattee namni dhoowwate, ni abaaramaa, hin milkaa’u jedhu. Kawaasnis nama akkanaa ofitti qabuu didee qoollifata/wucaa baasa. Kanaafuu namni ishiin gargaarsa gaafatte kennuun dirqama isaa ti.

• Aseennaa dhaquu 

Dubri osoo hin heerumin mana turte, heerumtee bultii argachuuf mirga qabdi. Seerri siinqee dubri haadha warraa taatee akka siinqee argattu tuma. Dubri kana murteeffatte dhiira itti heerumuu barbaaddu filattee, siinqee murattee qophooftee tasa qe’ee warra sanaa dhaqxi. Qe’ee warra sanaa yoo geessu siinqee qabatte dallaa irraan qaarisiistee darbattee, seentee utubaa qabatti. Dubra aseennaa dhaqxe, erga ishiin siinqee darbattee seentee utubaa qabatte, manaa hin baasan. Namni ishiin filattee itti dhaqxes haadha warraa godhata. Seera.

•  Cubbuu baasuu 

Hawaasa keessatti gochi safuu ta’e, wanti cubbuu qabu oggaa raawwatame dubartoonni gurmaa’an seera siinqeetiin cubbuu nama irraa baasu. Fakkeenyaaf, dhiiraa fi dubartii firummaa qaban gidduutti saalqunnamtiin yoo raawwatame, akkanatti qulqulleessu. Maatii horanii jaalalaan waliin jiraachuun kan milkaa’an warra tokko/abbaa warraa fi haadha warraa/ waamanii, soddaa warra sanaa baasanii, mana nama cubbuu kana raawwate, baaxii uranii, dhiiraa fi dubartii cubbuu kana dalagan uffata irraa baasanii, gogaa loonii jiidhaan itti aguuganii, uraa baaxii manaa irratti tolfameen hulluuqanii akka seenanii karaa balbalaatiin ba’an dirqisiisu. Kanumaan qulqullaa’anii namatti makamu.

Source: OBS

Comment As:

Comment (0)