Gadaa Magazine
Qala'isii jireenyaa hammaateera; jiraachuuf sodaa guddaa qabna.
Sunday, 21 Feb 2021 00:00 am
Gadaa Magazine

Gadaa Magazine

Qaala'iisi jireenyaa amma Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru daraanuu yaaddeessa ta'uu Maatiin 'Gadaa Magazine' ibsan.

Meeshaalee bu'uuraa uummanni guyyaa guyyaan itti fayyadamu fi kan biroo irratti gatiin haalan dabaluun qaala'iisa jireenyaa hedduu cima dhufu jiraattonni yaada isaanii Gadaa Magazine ibsan himaniiru.

Maatiin Gadaa Magazine maal jedhu?

"Baay'ee ulfaatadha meeshaan hin daballee jedhamu hin jiru; wanti hunduu dabaleera; sodaa guddaa qabna" jedhu jiraattonni.

"Qaala'insi jireenyaa ajaa'iba. Bareengaddaa laptop qarshii Kuma Kudha lamaan bituuf jedhee dhiise barana Kuma Kudha saddeet  galchaaniiru. Akkasumas meeshaaleen kanneen biroos akkaan olka'anii jiru."

Qaala'iisi jireenyaa hedduu nu rakkisaa jira, keessattuu meeshaaleen barnoota humna ol barattoota irratti dabaleera. Fakkeenyaaf Qaalamni dura qarshii 7 ture amma 10 galeera, Daftarri abbaan luukii 50 qarshii 14 ture amma qarshii 28 ta'eera.

"Samunan duraan qarshii 10 ture amma Qr.15tti gurgurama jira. Zayitin nyaata lit.5 duraan qarshii 350 ture ammaa qarshii 450tti gurgurama jira; walumaa galatti wanti hindabalin hin jiru. Sababa qaala'insa jireenyaatin namni baay'een rakkoo guddaa keessa jira; jiruu jibbaati jirra" jechuun maatiin Gadaa Magazine yaaddoo qaban ibsaniiru.

Qaamni seeraas irraa deemanii to'ataa jiraachuu ibsuun, haata'uu malee daldaaltonnii yeroo sannaf malee akka barbaaddaniitti gatii ol kasaanii uummatatti gurgura jiraachuu fi gochi kun ummattaaf yaaddesaa ta'uu jiraattonni himaniiru.

Qaala'iinsi jireenya itti fufe maal fida?

Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa irraa kan dubbisne hayyuun saayinsii dinagdee Dr. Guutuu Teessoo qaala'iisi jireenyaa amma Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru furmaata waaraa hin argatiin yoo itti fufe biyyattii gara rakkoowwan walxaxaa ta'eetti oofuu akka danda'u BBC'tti himaniiru.


"Namni yeroo dinagdeedhaan ofdadhabu bakkaa bakkatti godaana. Godaansi akkanaa ammoo magaalotatti rakkoo hawaasummaa hedduu uuma. Hawaasni waan nyaatu dhabe gara mormiifi hokkoraatti deema. Inni kunimmoo ammayyuu mallattoonsaa mul'achaa jira," jedhan.

Rakkooleen hoji dhabdummaa, qaala'iinsa jireenyaa fi kanneen biroo kuni dinagdee durumaa laafinarra jiru kana gara maraammartoo keessaa hin bahamneetti geessuu akka danda'us yaaddoon qaba jedhan.