No icon

Gazeexesaa Guyyoo Waariyoo OMN'tti deebi'uuf murteesse.

Gazeexesaa Guyyoo Waariyoo Sanbata dhufu Gurraandhala 27 bara 2013 eegalee gara OMN'tti akka deebi'uu beeksise.

Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo hojii miidiyaa irraa soorama ba'uuf murteesseen ture, haata'uu malee yeroo murteessaa uummanni akka jabaa na barbaaduu kanatti ta'uu hin qabu jechuun midiyaatti deebi'uuf murteessuu ibseera.

Oromiyaa Midiyaa Netoork(OMN) dabalatee miidiyaalee afur(4) irraa waamichi godhamuufi kan hime Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo kan OMN jibbaachuu hin dandeenye jedheera.

Waahillan isaa kanneen akka gazeexesaa Abrahaam Birruu faa waliin Sambata dhufu jalqabee OMN irratti hojii miidiyaa akka akka eegaluu Guyyoo Waariyoo fuula Feesbuukii isaa irratti ifatti ibsaniiru.

Guyyoo Waariyoo Artist Haacaaluu Hundeessaa osoon wareegamiin duraa keessummaa OMN gochuun gaaffif deebii taasisuun ni yaadatama.  

Oromiyaa Midiyaa Netoork (OMN) hundeeffama isaa waggaa 7ffaa tibbana kabaja jira.

Comment As:

Comment (0)